Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti oomisha Avookaadoo gabaa alaatti erguun eegalame

Finfinnee, Fulbaana 26, 2014 (FBC) – Naannoon Oromiyaa yeroo jalqabaaf oomisha Avookaadoo gabaa alaatti erguu jalqabuu ibsameera.
Misooma Avookaafoo kilaasteraan misoomsuuf sochii taasifameen akka naannoo Oromiyaatt bu’aa argameen naannoon Oromiyaa yeroo jalqabaaf oomisha avookaadoo gabaa biyya alaatti erguu eegaluu himameera.
Sagantaan beekkamtii kennuu Avookaadoo gabaa biyya alaatti erguu Finfinnee Hootela Iskaayilayitittii Bakka Preezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi hoggantoonni olaanoo biroo argamanitti gaggeeffamaa jira.
Sagantaa kanaan Waldaalee fi qaamolee milkaa’ina sochii kanaaf gumaachaniif beekkamtiin kan laatamu ta’uu ibsameera.
Bara kana Oomishni Avookaadoo toonii 16 gabaa addunyaaf dhiyaata jedhameera.
Hirphoo Shibootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.