Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti tajaajjilli Inshuraansii Fayyaa Hawaasa fooyya’a jira-Dooktar Mangistu

Finfinnee, Muddee 14, 2013 (FBC)- Oromiyaatti tajaajjilli Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa foyya’aa jiraachuu Hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan ibsaniiru.
Hogganaan biirichi har’a gaazixeessootaaf ibsa laataniin, tajaajjilli inshuraansii fayyaa hawaasaa waggaa 10 dura naannoo Oromiyaa aanaalee 4 keessatti eegale yeroo ammaa babal’atee waggaa darbe qofa Birriin miiliyoonni dhibbi 5 fi miiliyoonni 80 walitti qabamu himaniiru.
Maallaqa sirna fayyaa diriirfame kanaan argames faayinaansii bittaa qorichaa, fooyyessa qulqullinna tajaajila fayyaa fi ogeessoota fayyaa dhaabbilee fayyaa keessa akka turan taasisuu keessatti shoora isaa ba’ateera jedhan.
Dookta Mangistuun, yeroo ammaas aanaalee 271 fi magaaloota 23 keessatti sagantaan kun hojiirra oole abbaa warraa fi haati warraa miiliyoonni 2.7 miseensa sagantaa kanaa akka ta’an taasifameera jedhan.
Haata’u malee karoora qabameen wal bira qabamee yoo ilaallamu hanqinni waan mul’atuuf, bara kana aanaalee hunda keessatti saganticha diriirsuun lakkoofsa miseensoota sagantichaa daran baay’isuuf karoorfamee hojjetamaa jira jidhaniiru.
Yeroon kaffaltii miseensummaas yeroo maallaqa kaffaluudhaaf mijatu akka ta’u taasifameeraa jedhan.
Bizu’aaleem Beenyaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.