Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Somaaleetti naannolee Filannoo hundatti adeemsi sagalee laachuu xumurame – Burtukaan Miidhaksaa

Finfinnee, Fulbaana 20, 2014 (FBC) – Naannoo Somaaleetti naannolee Filannoo hundatti adeemsi sagalee laachuu xumuramu walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Burtukaan Miidhaksaan beeksiisan.

Naannolee sagaleen murtoo ummataa itti laatamuun alatti naannoo Kibbaa iddoolee hedduutti adeemsi sagalee laachuu xumuramuu ibsuun, adeemsichi karaan nagaan gaggeeffamuu dubbataniiru.

Naannoo Somaaleetti iddoolee lamatti dorgomtoonni dhuunfaa fi naannoo Masqaanaa Maaraqootti dorgomtoonni komii dhiyeeffachuu eeraniiru.

Paartileen garuu hanga ammaatti komiin dhiyeeffatan hin jiru jedhan.

Iddoolee hanqinni dhiyeessii muudatan muraasatti saffisaan sirreeffamuu himaniiru.

Somaalee fi Kibbaa iddoolee murtoon ummataa itti hin gaggeeffamnetti adeemsi sagalee lakkaa’uu eegalamuu himaniiru.

Iddoolee hanqinni ibsaa jirutti ammoo sagalee lakkaa’uun boru kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.

Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.