Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Somaaleetti sagantaan aduu tokkotti biqiltuu miiliyoona 2.5 dhaabuu gaggeeffame

Finfinnee, Adooleessa 24, 2013 (FBC) – Naannoo Somaaleetti sagantaan aduu tokkotti biqiltuu miiliyoona 2.5 dhaabuu magaalaa Jigjigaatti gaggeeffameera.

Sagantaa kanarraatti Ministir Deettaa Ministeera Qonnaa obbo Saanii Raddii, hoggantoota olaanoo mootummaa naannoo Somaalee, hoggantoota Poolisii Federaalaa, komishinii Poolisii naannichaa dabalatee dargaggoonni hedduun argamaniiru.

Naannichaatti bara kana sagantaa Ashaaraa magariisaa marsaa 3ffaan akka naannichaa biqiltuu dhaabuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti % 65 raawwatamuu Ejansiin miidiyaa naannichaa gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.