Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraay weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf murteewwan dabarse

Finfinnee, Bitootessa 17,2012(FBC) – Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Tigraay weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf murteewwan dabarse.

Murteen darbe weerarri vaayrasii koroonaa miidhaa osoo hin qaqqabsiisin ittisuu kan dandeessisu jedhameera.

Kaabineen naannichaa dhimmoota jajjaboo irratti mari’achuun murteewwan dabarseera.

Murtee darberratti itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Tigraay Dooktar Dabratsiyoon G/Mikaa’eel ibsa laataniiru.

Haaluma kanaan imalli magaalaadhaa gara magaalaa, baadiyyaadhaa gara baadiyyaa, baadiyyaadhaa gara magaalaa, magaaladhaa gara baadiyyaa ittifameera jedhan.

Bakkeewwan ummanni heddumminaan itti walitti qabamu, bakkeewwan gabaa, cidhi, tazkaaraa fi kanneen kanneenin walfakkaatan, wiirtuuwwan gabaa, dhaabbileen daldalaa, iddoowwan bashannanaa, manneen jimaa, manneen dhiichisa halkanii, taphoonni kubbaa miillaa fi kanneen biroon guutummaan ittifamaniiru.

Hojjettoonni ulfii fi haawwan hoosisan, hojjettoonni sooroma ba’uu ga’an, dhibeewwan biroo kan qaban mana taa’anii akka hojjetan kallattiin kaa’ameera jedhan.

Walga’iiwwan naannichaa kamuu ittifamaniiru.

Dhaabbileen tajaajila mootummaa laatan qajeelfama baafataniin hojiirra kan oolchan ta’a.

Sakreetaariyaatiin naannicha guutummaan to’atus hundaa’uu beeksisaniiru.

Murtichi har’aa jalqabee guyyootii 15f hojiirra kan oolu ta’a.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.