Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayiitti deeggarsi namoomaa nyaataa fi kanneen biroon meetirik toonii kumni 45 raabsamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 21, 2015 (FBC) – Lammiilee Naannoo Tigraayi rakkoo keessatti argamaniif deeggarsi namoomaa nyaataa fi kanneen biroon meetirik toonii kumni 45 akkasumas, qorichoonni meetirik toonni 839 raabsamuu Koomishiniin Hoggansaa Sodaa Balaa Ityoophiyaa ibse.

Daayrektarri Quunnamtii Ummataa Koomishinichaa Obbo Dabbabaa Zawudee FBC’f akka ibsanitti, lammiilee naannichaa rakkoo keessatti argamaniif deeggarsa namoomaa addaan hincinne dhiyeessuun cimee itti fufeera.

Haaluma kanaan hanga Sadaasa 20, 2015’tti naannichatti konkolaattonni kuma 1 fi 17’n deeggarsi namoomaa meetirik tooniin kumni 40 fi 63 raabsamuu dubbataniiru.

Dabalataanis, konkolaattota 25’n qorichoota meetirik toonii 839.76 fi meeshalee biroo mreetirik toonii kuma 4 fi 254 ol miidhaamtootaaf raabsamuu eeraniiru.

Kana malees konkolaattonni boba’aa liitira kuma 431 fi 552 fe’an gara naannichatti ergamuu dubbataniiru.

Onkololeessa 20, 2015 hanga Sadaasa 20, 2015tti kooridarootaa sadeeniin (Afaar-Aba’aalaan, Goodar-Shiree fi Konbolchaa-Qobboo-Allaamaaxaan), dhaabbilee tumsitootaan konkolaatonnii bobbaafaman kuma 1 fi 168 ta’uu kaasaniiru.

Dhaabbilee tumsitootaa naannichatti bobbaafaman dhiyeessii deeggarsa namoomaa raawwachiisuuf Birrii miiliyoona 148.7 maallaqaa callaan deeggarsa taasisuu Obbo Dabbabaan eeraniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.