Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti har’aa eegalee talaalliin dhibee Koleeraa ni laatama

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2013 (FBC) – Naannoo Tigraayitti har’aa eegalee talaalliin dhibee Koleeraa kan laatamu ta’uu ibsameera.
Talaallich lammiilee miiliyoona 2 kan qaqqabu yoo ta’u, har’aa eegalee hanga Waxabajjii 7, 2013tti ni kennama jedhameera.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa fi Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannichaa waliin ta’uun talaallicha kan laatan ta’uu ragaan Miidiyaa naannoo Tigraayirraa argame ni muul’isa.
Talaallichi marsaa lamaan namoota umriin isaanii waggaa 2 ol ta’aniif kan laatamu ta’uu Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Qindeessaan Waajjira Damee naannoo Tigraay Dooktar Abbaadii Li’uul himaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.