Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti midhaan gargaarsaa kuntaalli 800 ol seeraan ala ba’uun wayita imaluuf jedhu to’atame

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2013 (FBC) – Midhaan mootummaan Federaalaa jiraattoota magaalaa Shiree fi naannawaa isheef deeggarsaaf erge kuntaalli 800 seeraan ala ba’uun wayita imaluuf jedhu to’atamuu qajeelchi nageenyaa labsii yeroo ariifachiisaa magaalaa Shiree beeksiiseera.
Namoonni gochaa seeraa alaa kana waliin hidhata qabu jedhamuun shakkaman 10 to’annoo jala oolaniiru jedhame.
Itti gaafatamaan qajeelcha nageenyaa labsii yeroo ariifachiisaa magaalaa Shiree kumalaa Abrahaam Araruun akka ibsanitti, eeruu ummanni raayyaa Ittisaaf laateen midhaan nyaataa deeggarsa lammiileef ergame wayita gara iddoo biraatti imaluuf jedhu to’atameera.
Qaamoleen dhuunfaa yakkichaan shakkaman 7 fi konkolaachiftoonni 3 to’atamuu eeraniiru.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.