Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti talaallii koleeraa laatamuu itti fufeera

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2013 (FBC)- Naannoo Tigraayitti talaallii koleeraa laatamuu itti fufeera.

Talaallichi lammiilee miiliyoona 2 kan qaqqabu yoo ta’u, hanga Waxabajjii 9, 2013tti ni kennama jedhameera.

Talaallichii aanoolee 13 keessaatti ni laatamaa jedhameera.

Talaallichii marsaa jalqabaatin namoota waggaa tokkoo ol jiran hundaaf ni laatama jedhameera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa fi Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannichaa waliin ta’uun talaallichaa eegalaniiru.

Bara 2013 naannoo Tigraayitti weerarri koleeraa kan hin muul’annee ta’us kana dura waggaatti namoonni koleeraan qabaman ni muul’atu.

Naannoo Tigraayitti bara 2008 hanga 2012 namoonni 6699 koleeran qabamanii lubbuun namoota 66 darbu ibsameera.

H/Iyesuus Siyyuumtu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.