Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti warshaaleen 5 humna guutuun hojii eegalan

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2013 (FBC)- Koreen Ministirootaa Wiirtuu Qindeessaa balaa tasaa Biyyaalessaa walga’ii idilee torbee gaggeessera.
Waltajjiichaan miseensoonni korichaa waajjiralee ministeeroota dhiyeessii fi raabsaa deeggarsa aariifachiisaa naannoo Tigraayii fi godina Matakkalitti taasifamaa jirurratti gabaasa dhiyeessaniiru.
Waajjiraleen ministeeroota bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay waliin dhiyeessii deeggarsa nyaata bifa qindaa’een dhiyeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Jiraattootaa naannichaas deebisanii dhaabuun gara jiruu fi jireenyaa idiletti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Bakka bootunni bulchiinsi yeroo naannooTigraay deeggarsichaa raabsuun yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiraachuu mirkaneessaniiru.
Haalli waliigalaa naannichaa fooyya’aa jiraachuu ibsameera.
Yeroo amma kanaas warshaaleen 5 humna guutuun hojii eegaluu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.