Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti weerarri awwaannisaa irra deebidhaan mudate

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Naannoo Tigraayitti weerarri awwaannisaa irra deebidhaan mudate.
 
Biiroon Qonnaa Naannoo Tigraay akka beeksisetti, weerarichi irra deebidhaan godina Kibba Tigraayitti mudateera.
 
Awwaannisichi Jimaata darbee eegalee kallattii naannoo Amaaratiin gara Kibba godinichaa seenuu biirichatti daayreektarri farreen ilbiisotaa obbo Mabraatuu G/kiidaan ibsaniiru.
 
Weerarichi misooma jallisii, dheedaa fi biqilootarratti miidhaa qaqqabsiisuu waan maluuf, hubannaa uumuu fi odeeffannoo qaqqabsiisun hojjetameera jedhan.
 
Weerarichi miidhaa osoo hin qaqqabsiisin ittisuuf hojjetamaa jiras jedhaniiru
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.