Fana: At a Speed of Life!

Naannoolee biyyattif ambulaansonni 850 raabsaman

Finfinnee, Caamsaa 6, 2012 (FBC) – Naannoolee biyyattif ambulaansonni 850 raabsamu Ministeerrii Fayyaa beeksise.

Daayreektarri bulchiinsa qabeenyaa fi tajaajila waliigalaa ministeerichaa obbo Iskindir Laaqaw, ministeerri fayyaa karoora bara 2010 qabateen biyyaattitti hanqina ambilaansota furuuf hojjetaa jira jedhan.

Haaluma kanaan mootummaan sharaafa alaa mijeessuu fi qaraxarraa bilisa taasisuun Birrii biiliyoona 3.5 oliin marsaa sadiin ambulaansota 3014 bittaan gaggeeffameera.

Kana dura ambulaansonni 2116 kan raabsaman yoo ta’u, kanneen hafaan 850 guyyaa har’a naannoo Amaaraaf 135 fi pooliisii federaaf 50 dabarseera.

Kanafiis naannoolee, magaaloota, godinaalee, aanaa fi yuunivarsitiwwaniif raabsuun tajaajilaaf ni oolu jedhameera.

Kanneen hafaan ammoo guyyaa itti anuutti naannoolee fi bulchiinsa magaalootaaf ni dabarfamuu.

Dabalataniis ambulaasonni kanneen hojii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf shooraa olaanaa qabachuu ragaan Ministeera Fayyaa irraa arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.