Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Hararii baatiwwan jahaan darban galii Birrii miiliyoona 799.6 ol walitti qabe

Finfinnee, Amajjii 16, 2015 (FBC) – Naannoon Harariitti baatiwwan jahaan darban galii Birrii miiliyoona 799.6 ol walitti qabuu Biiroon Galiiwwanii naannichaa beeksiise.

Baatiwwan jahaan darban Birrii miiliyoonaa dhibba 7 fi miiliyoona 74 ol walitti qabamuuf karoorfamee Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 99.6 ol walitti qabuun danda’amuu ibsameera.

Galiin walitti qabame kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame Birrii miiliyoona 25 fi kuma 334 caalmaa qabaachuu hogganaan biirichaa Obbo Baqqalaa Tamasgeen himaniiru.

Naannichatti bara kana waliigala Birrii biiliyoona 1.36 waliti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.