Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Hararii Irreechaa ilaalchisuun ergaa dabarse

Finfinnee, Fulbaana 20, 2015 (FBC)- Mootummaan Naannoo Hararii argisiistuu tokkummaa, obbolummaa, araaraa fi nageenyaa kan ta’e Ayyaana Irreechaa baga nagaan geessan jechuun ergaa dabarseera.

Irreechi qabeenyaa hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa ta’uu bira darbee, ayyaana olaanaa tokkummaa, waliin jireenyaa fi walta’iinsa calmaan calaqqisiisuu ta’uu ibseera.

Mootummaan naannichaa waggoottaan afurii as aadaa, duudhaa fi seenaa Oromoo gama beeksisuu fi guddisuutiin hojiilee garaagaraa hojjechaa kan jiru yoo ta’u, keessumaa Irreecharratti hubannoo jiru gabbisuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu ibseera.

Ayyaana Irreechaa barana kabajamuu haalaa sabaa fi sablammoota biroo hirmaachiseen hawwatummaan akka kabajamu amantaa qabu ibseera.

Ayyaanichi wayiita kabajamus akkaataa duudha isaa eegee fi cimseen dhalootaa itti aanuutti akka darbutti kabajamuu qaba jedhaeera.

Hirmaattonni ayyaanichaas tokkummaa fi obbolummaa cimsuun nageenya haala mirkaneessuun kabajamee akka xumuramuuf gahee gama isaanii akka bahatan waamicha dhiyeesseera.

Irreechi akkuma yeroo kamiiyyuu ayyaana jaalalaa, nageenyaa, obbolummaa fi waliin jireenyaa akka ta’u mootummaan naannichaa ni hawwa jechuun ergaa dabarseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.