Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Oromiyaa Buufataa meeshalee goggogaa Mojoo babal’isuuf deeggarsa akka taasisu ibse

Finfinnee, Amajjii 23, 2015 (FBC)- Buufata meeshaalee Goggogaa Mojoo babal’isuuf tattaffii taasifamuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa deeggarsa barbaachisaa akka taasisu Pireezidaaantiin nannichaa Obbo Shimallis Abdiisaan Ibsan.

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan, Hoji Gaggeesaa Dhaabbata Tajaajila Geejjibaa Galaanaa fi Loojistiksii Ityoophiyaa Obbo Roobaa Magarsaa, Koomiishinarri Koomiishinii Gumurukaa Dabalee Qabataa fi qondaaltonni biroo waliin sochiilee hojii buufataa fi Terminaala Mojoo daawwataniiru.

Daawwanicharratti Obbo Shimallis, bu’uuraalee misoomaa, kenniinsa tajaajilaa fi hojiilee babal’isaa Buufataa fi Terminaalaa Mojoo hojjetamaa jiran dinqisiifataniiru.

Fuulduratti buufaticha sadarkaa fooyya’aatti guddisuuf tattaaffii taasifamu tumsuu fi deeggarsa barabaachisan akka taasifamuu ibsaniiru.

Buufannii fi terminaalli Mojoo Daldala ba’ii fi galii biyyattii %80 ol kan keessummeessuu ta’uu ragaan Tajaajilaa geejjibaa galanaa fi loojistiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.