Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Oromiyaa fi UNDP waliigaltee hojii mallatteessan

Finfinnee, Hagayya 11, 2014 (FBC) – Mootummaaan Naannoo Oromiyaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Sagantaa Misoomaa Addunyaa (‘UNDP’) waliin hojjechuudhaaf waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigaltichas Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Ityoophiyatti Bakka Bu’aan ‘UNDP’ Turhaan Saalaahaan mallatteessaniiru.

Obbo Shimallis sirna waliigaltechaarratti, hojiilee misoomaa naannicha milkeessuuf karoorfatee hojjechaa jiruuf dhaabatichi akka deeggaru gaafataniiru.

Dabalataanis, lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsaa taasisuu akka itti fufu waamicha dhiyeesaniiru.

Tuurhaan Saalaahaan gama isaaniin, dhaabbanni isaaniiNaannoo Oromiyaatti deeggarsa lammiilee buqqa’anii, eegumsa naannoo fi deeggarsa namoomaarratti mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsan.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.