Fana: At a Speed of Life!

Naayijeeriyaatti sirreeffamtoonni amala sirreessaa kuma 1 fi 800 mana amala sirreessaa keessaa miliqan

Finfinnee, Bitootessa 28, 2013 (FBC) –Hidhattoonni Naayijeeriyaa mana amala sirreessaa irraan miidhaa geessisuun walqabatee sirreeffamtoonni amalaa kuma 1 fi 800 miliquun ibsame.
Hidhattoonni kunneen mana amala sirreessaa magaalaa Oweeriirraa gara Kibba Bahaatti argamuttu imaluun gamoo bulchiinsaa diiguun seenuu himameera.
Sirreeffamtoota miliqan keessa 6 gara amala sirreessatti yoo deebi’an 35 kan ta’an ammoo miliquuf fedhii otuu qabatiin hafaniiru.
Tajaajjilli manneen amala sirreessaa Naayijeeriyaa sirreeffamtoonni kuma 1 fi 844 miliquu ibseera.
Hidhatoonni kunneen meeshaalee waraanaa ammayyaa qabatanii akka turanis eerameera.
Preezdaantiin Naayjeeriyaa Mahaammad Buhaarii gochi raawwatame gochaa shoroorkeessumati jedhaniiru.
Maddi:- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.