Fana: At a Speed of Life!

Nageenyaa fi tokkummaa cimsuuf qoodni abbootii amantaa cimuu qaba jedhame

Finfinnee, Caamsaa 29, 2015 (FBC) – Naannoo Harariitti Abbootii Amantaa waliin dhimmoota haala yeroorratti mari’atameera.

Nageenyaa fi tokkummaa cimsuuf qoodni abbootii amantaa cimuu akka qabu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee naannoo Hararii Obbo Abdujabbaar Mahaammad ibsaniiru.

Nageenyaa fi Tokkummaa cimsuun duudhaalee gaarii jajjabeessuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Dhaabbileen amantaa nageenyaa fi tokkummaa cimsuu keessatti itti gaafatamummaa isaanii akka ba’an gaafataniiru.

Tasgabbii yeroo ammaa akka naannichaatti argame itti fufsiisuuf hundi qooda isaa ba’uu akka qabu Hogganaan Biiroo Bulchiinsaaf nageenyaa naannoo Hararii Obbo Xilahuun Waadaraan yaadachiisaniiru.

Abbootiin amantaa nageenyaaf waardiyyaa dhaabbachuun itti gaafatamummaa isaanii ba’uu akka qaban gaafachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.