Fana: At a Speed of Life!

Namichi Covid-19 sobadha jedhe haadha warraa isaa dhukkubichaan dhabe

Finfinnee, Hagayya 19, 2012 (FBC) – Namichi Covid-19 sobadha jedhe haadha warraa isaa dhukkubichaan dhabe.

Filooriidaatti namichi Taaksii oofu kan koronaavaayirasiin sobadha jechaa ture haadha warraa isaa vaayirasichaan dhabe.

Biraayan Lii fi haati warraa isaa Eriin vaayirasichi soba ta’uu intarneetii irraa dubbisanii turan.

Sana booda qajeelfamoota ittisa dhukkubichaa fi gorsa ogeeyyii hojiirra oolchuu dhiisan.

Maaskii uffachaa hin turre, waa’ee fageenya eeggachuus hin dhimmamani.

Caamsaa darbe lamaan isaaniitu dhukkubsatanillee dafanii gara mana yaalaa hin deemne.

Booda lamaan isaaniitu vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’ee inni yoo dandamatu haati warraa isaa umrii 46 akka malee dhukkubsattee duute.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.