Fana: At a Speed of Life!

Namni dhuunfaa Konkolaattota dhaalaman irraa lakkoofsa gabatee hiikuun gocha seeraan alaaf itti fayyadamaa ture to’atame

Finfinnee, Sadaasa 27, 2015(FBC)- Namni dhuunfaa Konkolaattota dhaalaman irraa lakkoofsa gabatee hiikuun gocha seeraan alaaf itti fayyadamaa ture harkaa harkatti to’atamuu Poolisiin beeksise.

Shakkamtichi konkolaattota dhaalaman irraa lakkoofsa gabatee isaanii irraa hiikuun dallaalotaafi namoota gocha seeraan alaarratti bobba’aniif Birrii kuma 15tti kireessaa turuu ibsameera.

Namoonni lakkoofsa gabatee kana kireeffatanis Soomaaliilaand irraa konkolaattota sanada hin qabne karaa seeraan alaa kan galchan ta’uu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Shakkamtichi konkolaattota dhaalaman irraa lakkoofsa gabateesaanii hiikee Birrii kuma 15 fudhachuun namoota kanneeniif  kennaa osoo jiruu to’atamuufi qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.