Fana: At a Speed of Life!

Namni dhuunfaa shuguxii 15 konkolaataa keessa dhoksuun socho’aa ture to’atame

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Namni dhuunfaa shuguxii 15 konkolaataa keessa dhoksuun socho’aa ture to’atamuu ibsame.

Poolisiin magaalaa Finfinnee fi Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa hordoffii taasisaniin namni dhuunfaa shuguxii 15 konkolaataa keessa dhoksee socho’aa ture namoota isaa wajjiin hojjetan biroo waliin to’atamuu ibsameera.

Namichi dhuunfaa kun kutaa magaalaa Gullallee aanaa 8 bakka Addisuu Gabayaa jedhamutti to’atamuu poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Bifuma walfakkaatuun laaptooppiiwwan yeroo garaagaraa bakkeewwan addaa addaatti hataman 117 fi meeshaalee elektrooniksii garaagaraa deebisiisuu eereera.

Namoota yakka kanarratti hirmaatan 21 to’annaa jala oolchuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.