Fana: At a Speed of Life!

Namni dhuunfaa sukkaaraa fi keemikaala biyyee diimaa waliin makuun damma jechuun gurguruuf qopheesse to’atame

Finfinnee, Bitooteessa 14, 2012 (FBC) – Namni dhuunfaa sukkaaraa fi keemikaala biyyee diimaa waliin makuun damma jechuun gurguruuf qopheesse to’atameera.

Namichi kun magaalaa Finfinnee Boolee aanaa 11 iddoo Arraabsaa Lammii jedhamutti sukkaaraa fi keemikaala biyyee diimaan makuun damma jechuun gurguruuf wayita turetti harkaa fi harkatti to’atamuu Koomiishiniin Poolisii Finfinnee beeksiseera.

Dhimmicha waliin walqabatees shakkamaan tokkoo to’annoo jala ooluun qorannoon taasifamaa jiraachuun himameera.

Namtichi mana jireenyaa guutuu dhunfaatti kireeffachuun hojii seeran alaa yommuu hojjatu to’annoo jala ooluu kan danda’e sakatta’iinsa poolisiin shakkiidhan taasiseeni jedhameera.

Kutaa magaalaa Boolee aanaa 11tti itti gaafatamaan Waajjira Daldalaa fi Indaastirii obbo Adnaw Waldeen, namichi Markaatoo dabalatee iddoowwan birootti damma jechuun hojii yakka kana hojjetaa tureera jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.