Fana: At a Speed of Life!

Namni dhuunfaan karaa seeran alaan waraqaa eenyummaa qopheessaa ture to’atame

Finfinnee, Sadaasa 21, 2014 (FBC) – Magaalaa Dirree Dawaatti namni dhuunfaan gochaa shororkeessummaaf karaa seeran alaan waraqaa eenyummaa qopheessaa ture to’atamuu Koreen Qajeelcha Labsii Yeroo ariifachiisaa magaalichaa beeksise.
Namni dhuunfaan kun eeruu ummataa bu’uura godhachuun to’atamuu himameera.
Mana jireenyaa keessatti sanadoota sobaa osoo qopheessaa jiru harkaaf harkatti to’atamuu ibsameera.
Namni to’annoo jala oole kun waraqaa eenyummaa sobaa Bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa fi Naannoo Oromiyaa wayita qopheessaa turetti to’atamuus eerameera.
Poolisiin shakkamaa kana to’annoo jala oolchuun qorannoo gaggeessaa jiraachuus ibsameera.
Maddi:-TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.