Fana: At a Speed of Life!

Namni viidiyoo xiyyaara Yuukreen Iiraan rukkuttee kufiste waraabe to’atame

Finfinnee, Amajjii 6, 2012 (FBC) – Namni viidiyoo xiyyaara Yuukreen Iiraan rukkuttee kufiste waraabe to’annoo jala olfame.

Namni kun humna eegumsa biyyaalessaa Iiraaniin to’annoo jala kan oole yoo ta’u, himanni nageenya biyyaalessaa waliin walqabate irratti banamu danda’a jedhameera.

Iiraan hanga ammaatti dhimmichaa walqabasiisuun namoota 30 ta’an to’annoo jala oolchiiteetti.

Xiyyarri Yuukreen torbee darbe imaaltoota 176 fe’ee imalarra otuu jiru rukutamee kufuun isaa ni yaadatama.

Iiraan xiyyaarichi misaa’ela Ameerika itti fakkaachuun akka rukutan amananiiru.

Preezedantii Iiraan Rohaanii dhukaasa misaa’elicha balleessaan nama tokko qofa miti jedhaniiru.

Qondaaltonni Iiraan taatichaa ergaa amananii boodaa lammiileen Iiraan mootummaasaaniitiin ni sobdan jechuun hiriira mormii ba’aniiru.

Maddi:-BBC

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.