Fana: At a Speed of Life!

Namoonni 9 labsii yeroo ariifachiisa cabsanii himataman maallaqaan adabaman

Finfinnee, Eebila 21, 2012 (FBC) – Namoonni 9 labsii yeroo ariifachiisa cabsanii himataman maallaqaan adabaman.

Namoota labsii yeroo ariifachiisa cabsan 9n kanneen Abbaan Alangaa himachuun tokkoon tokkoon isaanii Birrii 3000 adabamuun ibsameera.

Himatamtoonni kunneen Eebila 9, 2012 kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii Aanaa 13 iddoo addaa naannawa Feecoo Maariyaam jedhamee waamamuutti mana kutaa dhiphaa tokko keessatti namoota 9 ta’anii walitti qabamanii osoo jimaa qaamanii kan qabaman yoo ta’u; bu’ura kanaan danbii labsii yeroo ariifachiisaa raawwachiisuuf bahe cabsanii jimaa waan qaamsisaniifi namoota afurii oli ta’anii walitti qabamuu isaanirraa kan ka’e himatamanii mana murtiitti dhiyaataniiru.

Akka OBN Addis Miidiyaa Neetwoorki wabeeffachuun gabaasetti haaluma kanaan manni murtichaas dhimmicha gadi fageenyaan ilaaluun ragaa namaafi sanadaan namoonni kunneen yakkicha raawwachuu mirkaneefatee dhaddacha Eebila 19, 2012 ooleen tokkoon tokkoon isaanii Birrii 3000 adabeera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.