Fana: At a Speed of Life!

Namoonni dabalataa 915 vaayrasii koroonaan qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksise

Finfinnee, Adoolessa 25, 2012 (FBC) -Gabaasa idilee qorannoo sa’aatii 24 kaleessa darbeetiin namoonni dabalataa 915 vaayrasii koroonaan qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Sa’aa 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namootaa 8,957 hojjetameen vaayrasichi namoota 915 irratti argamuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Namoonni haaraan 187 dhibichaarraa yoo dandamatan.

Waliigala namoonni6950 vaayrasicharraa dandamataniiru.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irratti argamu namoota kuma 10 fi 304, yoo ta’u, namoonni 138 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Sa’aa 24 darbetti lubbuun namoota 11 yoo darbu, hanga ammaatti waliigala lubbuun namoota 274 darbeera.

Ityoophiyaatti waliigala namootaa 422,354f qorannoon laabraatoorii hojjetameera.

Waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 17,530 ga’eera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.