Fana: At a Speed of Life!

Namoonni dhuunfa 12 konkolaataa hatan to’annaa jala oolan

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2013 (FBC)-Godina Shawaa Bahaatti namoonni dhuunfa 12 konkolaataa hatan to’annaa jala ooluun qorannoon taasifamaa jiraachuu poolisiin beeksise.

Itti gaafatamaan qajeelcha miidiyaa fi kominikeeshinii poolisii godinicha Komaandar Aschaalaaw Alamuu akka ibsanitti, godinachatti aanoolee Adaamii Tulluu, Jidduu Komboolchaa fi Libaanitti namoonni dhuunfa 12 yakka hanna konkolaataa raawwatan to’annaa jala oolaniiru jedhan.

Namoonni dhuunfa kunneen warshaa oomishaa bishaan Salaam kan ta’e Efesaarii fi Ayisuuzuu tokko akkasumas Siinootiraakii waliigala konkolaattoota sadii dukkanaa da’oo godhachuun yakka hanna raawwachuu ibsaniiru.

Konkolaachiisa Efisaarii saamuun konkolaatichaa fuudhanii miliquusanii Komaandar Aschalaawoon himaniiru.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.