Fana: At a Speed of Life!

Namoonni dhuunfa uffata seeraa poolisii naannoo fi Finfinnee uffachuun yakkaa hanna raawwatan jiraachuu eerrame

Finfinnee, Adooleessa 29, 2013 (FBC)- Namoonni dhuunfa uffata seeraa poolisiin naannoo fi Finfinnee uffachuun yakkaa hanna raawwatan jiraachuu eerrameera.

Namoonni dhuunfa uuffata seeraa poolisii naannoo fi magaalaa Finfinnee uffachuun ajaja mana murtii sobaa qabachuun sakattoo sobaa fi yaali hanna taasisaa jiraachuu ibsameera.

Poolisiin Federaalaa Ityoophiyaa dhimmoota waqtaawaarratti ibsa laateera.

Poolisiin federalaa poolisii naannoo waliin kutaa biyyattitti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu raawwata jira jedhameera.

Ta’us miseensoota poolisii osoo hin ta’iin qaamolee nagenyaati jechuun yeroo adda addaatti gara bilbila lammiilee nagaatti bilbiluun yakka sodaachisuu qaamoleen raawwataan jiraachuu poolisiin ibseera.

Akkasumas uuffata seeraa poolisii naannoo fi magaalaa Finfinnee uffachuun ajaja mana murtii sobaa qabachuun sakattoo sobaa fi yaali hanna taasisaa jiraachuu ibsameera.

Hawaasniis namoonni yakkicha raawwataan seeraatti akka dhiyaatiniif sararoota bilbilaarratti eeruunitti laatamuu ifoomseera.

Sarara bilibilaa bilisa 987, 816 fi 991 (poolisii magaalaa Finfinnee)
Lakkoofsa bilbilaa yakkaa ittisuu 0115524077 fi lakkoofsoota bilibila biiroo qorannoo yakkaa poolisii federalaa 0115309027, 0115309231 fi 0115309077

Biiroo komishinii poolisii magaalaa Finfinnee 0111110111dha.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.