Fana: At a Speed of Life!

Namoonni dhuunfaa chaappaawwan 511 fayyadamuun sanadoota sobaa osoo qopheessaa turan to’ataman

Finfinnee, Caamsaa 19 ,2015 (FBC)- Hordoffii qaamoleen nageenyaa taasisaniin namoonni dhuunfaa chaappaawwan 511 fayyadamuun sanadoota sobaa osoo qopheessaanii argaman to’atamuu ibsame.

Obbo Ashaagree Ballaxaafi waahillan isaanii magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Araadaatti chaappaawwan 511 fayyadamuun sanadoota dhaabbilee mootummaa osoo qopheessanii to’annaa jala ooluu eerameera.

Namoonni dhuunfaa kunneen Birrii kuma 1fi 500 hanga kuma 4fi 500 kaffalchiisuun sanadoota sobaa qopheessuun yakkaa raawwachaa turuu ibsameera.

Sanadoonni sobaa qophaa’anis to’atamuu ragaan Kominikeeshinii magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.