Fana: At a Speed of Life!

Namoonni dhuunfaan garee shororkeessaa ABUTtiif deeggarsa taasiisaa turan 28 to’ataman

Finfinnee, Adooleessa 15, 2013 (FBC) – Namoonni dhuunfaan garee shororkeessaa ABUTtiif deeggarsa taasiisaa turan 28 qabeenya waliin to’atamuu Komishiniin Poolisii naannoo Somaalee beeksiise.
Ergamtoonni garichaa naannoo Somaaleetti argaman garee shororkeessaa kanaaf deeggarsa garaagaraa taasiisaa turuu isaanii gargaaraan Komishinaraa Komishinii Poolisii naannoo Somaalee Mahaammad Alii Hasan ibsaniiru.
Hordoffii cimaa taasiifameen namoonni dhuunfaan 28, Konkolaataan Siinoo Tiraakii 10 fi qabeenyi biroo eeruu hawaasaan to’atamuu ibsaniiru.
Qaamoleen kunneen jeequmsa kaasuuf karoorfatanii socho’aa turuu eeraniiru.
Deeggartootaa fi hoggantoota garichaa duraanii hirmaachisuun socho’aa turuu kaasaniiru.
Humni addaa naannoo Somaalee waamicha biyyaa fuchachuun gara dirqamaa imaluu isaa hordofee ergamtoonni juuntaa naannichatti argaman humna addaa kanaaf maqaa biroo laachuun Miidiyaa hawaasummaan fayyadamuun adeemsicha gufachiisuuf sochaa jiraachuu gargaaraan Komishinaraa Mahaammad Alii Hasan himaniiru.
Ammaan booda namoota dhuunfaa gochaa akka kanaa keessatti hirmaataa jiranirratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu himuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa naannichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.