Fana: At a Speed of Life!

Namoonni dhuunfaan Rasaasa Kilaash Koovii kuma 6 fi 74 seeraan ala imalchiisaa turan too’ataman

Finfinnee, Eebila 11, 2013 (FBC) – Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kibbaa aanaa Warra Baabbootti namoonni dhuunfaan lama Rasaasa Kilaash Koovii kuma 6 fi 74 seeraan ala Gaalaan imalchiisaa turan too’atamuu Poolisiin aanichaa beeksiseera.
Guyyaa kaleessaa qaamoleen dhuunfaa 2 Rasaasa Kilaash Koovii kuma 6 fi 74 seeran ala Gaalaan bosona daheeffachuun imalchiisaa turan eeruu ummataan to’annoo jala ooluu ibseera.
Poolisiin qaamolee kanneen seeraatti dhiyeessuuf qorannoo gaggeessuu eegaluu himameera.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.