Fana: At a Speed of Life!

Namoonni Matahaaraa fi naannoo Amaaraatti balaa lolaatin miidhaman jajjabeeffaman

Finfinnee, Fulbaana 6, 2013 (FBC) – Jiraattonni aanaa Matahaaraa fi naannawa ishee, akkasumas naannoo Amaaraatti qaamoleen hawaasaa balaa lolaatin miidhaman jajjabeeffaman.
 
Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil jiraattota Matahaaraa fi naannawa isheetirraa balaa lolaatin buqqa’an tursa yerootti daawwachuun jajjabeessaniiru.
 
Mootummaan rakkinicha furuu fi lammiilee miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannaadhan kan hojjetu ta’as jedhan ministirittiin.
 
Haaluma walfakkaatun itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Amaaraa Dooktar Faantaa Maandafroon lolaa Xaanatiin mudate aanaa Fogaraatti argamuun daawwatanii hawaasa jajjabeessaniiru.
 
Goondar Kibbaa aanaa Foogaraa toora Waagaxaraa, Sindayee, Abaagaashuu, Baargee Seelaadibbaa, Maaryaam Midirii fi naannawa isaaniitti ooyruun qonnaan bulaa lolaadhan miidhameera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.