Fana: At a Speed of Life!

Namoonni vaayrasii koroonaatin lubbuu isaanii dhaban kuma 34 ga’an

Finfinnee, Bitootessa 21, 2012 (FBC) – Namoonni vaayrasii koroonaatin lubbuu isaanii dhaban kuma 34 ga’an.

Namoonni vaayrasichaan qabaman kuma dhibba 7 fi kuma 23 fi 700 ga’aniiru.

Namoonni vaayrasicharraa dandamatan ammoo kuma dhibba 1 fi kuma 51 fi 991 qaqqabaniiru.

Addunyaarratti kan lubbuu isaanii dhaban ammoo kuma 34 ga’aniiru.

Chaayinaatti namoonni vaayrasichaan haaraa qabaman 31 argamaniiru.

Ameerikaa Niiwyoorkitti namoonni kumni 1 vaayrasichaan lubbuu isaanii dhabaniiru.

Xaaliyaanitti duutii vaayrasichaan mudate Sanbataa fi Dilbata hir’ateera.

Namoonni vaayrasichaan qabaman ammoo 97,689 ga’aniiru.

Ameerikaatti weerarri vaayrasichaa dabalaa kan jiru yammuu ta’u, walirraa fageenya namootaa amma baatii Faranjootaa Ebila 30,2020tti dheeressiteetti.

Neeppaal amma baatii Faranjootaa Eebila 7,2020tti lammiileen ishee manaa akka hin baane jetteetti.

Jaappaan imaltoota Ameerikaa, Chaayinaa, Kooriyaa Kibbaa fi Awrooppaarraa seenan ittisuufi.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.