Fana: At a Speed of Life!

namoota 129 irratti vaayrasiin koroonaa argamu Ministeerri Fayyaa beeksise

Finfinnee, Caamsaa 29, 2012 (FBC) – Qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 129 irratti vaayrasiin koroonaa argamu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisetti sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan laabraatoorii samuudaa 5500 hojjetameera.

Vaayrasichi namoota 129 irratti argamuu mirkanaa’era.

Namoota 129 keessaa 75 dhiirota, 54 ammoo dubartoota.

Umriin isaanii waggaa 1 hanga 90 ta’uu Dooktar Liyaan beeksisaniiru.

124 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, kanneen hafan lammiile biyyaa alaati.

Namoonni 101 magaalaa Finfinneedhaa.

Namoonni 5 naannoo Tigiraay.

Namoonni 10 naannoo Amaaraa.

Namni tokko naannoo Hararii.

Namoonni 6 naannoo Somalee.

Namni tokko naannoo Gambeellaa.

Namoonni 5 naannoo Oromiyaa ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman 1934 ga’aniiru.

Dubartiin umrii waggaa 80 lubbuun dabarteerti.

Haaluma kanaan Ityoophiyaatti namoonni vaayrasichaan lubbuu isaanii dhaban 20 ga’aniiru.

Namoonni haaraan 16 vaayrasicharra dandamataniiru.

Waliigalaan namnoonni 281 dandamataniiru.

Namoonni 27 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.

Vaayrasichi Ityoophiyaatti argamuun ega ibsamee eegalee qorannaan samuudaa namoota 136,868 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.