Fana: At a Speed of Life!

Namoota 707 irratti vaayrasichi argameera

Finfinnee, Adoolessa 27, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa vaayrasii koroonaatin amma kaleessaatti namoota 707 irratti vaayrasichi argamuu fi lubbuun namoota 28 darbuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksiseera.
 
Namoonni 406 ammoo dandamataniiru jedheera ministeerichi.
 
Ibsa kaleessaa kanaan qorannaan samuudaa namoota 7607 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 707 irratti vaayrasichi argamuun ibsameera.
 
Waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichi irratti argame 18,706 qaqqabeera.
 
Waliigalaan kan dandamatan 7601 qaqqabuu ministeerichi eerera.
 
Waliigalaan amma ammaatti kan lubbuu ofii ittiin dhaban ammoo 301 qaqqabeera.
 
Namoonni 153 hordoffii wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
Ityoophiyaatti waliigalaan qorannaan laabraatoorii namoota 437,319 hojjetameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.