Fana: At a Speed of Life!

Namoota Bidiruun dhidhiman keessaa Reeffi namoota 7 argame

Finfinnee, Bitootessa 18, 2015 (FBC) – Hara Caamoorratti namoota Bidiruun dhidhiman keessaa Reeffi namoota 7 argamuu Poolisiin Godina Gaamoo beeksiise.

Sambata darbe waaree booda bidiruun namoota 8 fi xaafii kuntaala 60 feetee hara Caamoo irra gara magaalaa Arbaamincitti imalaa turte dhidhimuun kan yaadatamuudha.

Hanga ammaatti Reeffi namoota 7 argamuu Ajajeen Qajeelcha Poolisii Godina Gaamoo Itti Aanaan Komaandaraa Dagifee Dabalaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Reeffa nama tokkicha hafee argachuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Yohaannis Darriboowtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.