Fana: At a Speed of Life!

Namoota waan taaneef bu’aa bayii seenaa keessa darbine akka salphaatti irranfanna – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 18, 2012 (FBC) – Namoota waan taaneef bu’aa bayii seenaa keessa darbine akka salphaatti irranfanna – Dooktar Abiy Ahimad

Dooktar Abiy Haala naannoon, magaalotii fi biyyi keenya keessa turanii fi itti jiran ilaallee akka waan kana caalu nuuf hin malleetti yaadnee simannee jiraanna jedhan.

Haalli qabataaman amma itti jiru kan mul’isu Ityoophiyaanonni badhaadhinaan jiraachuutu isaaniif mala.
Bulchiinsi kiyyas daandii kanaaf dhimmamaadha jedhaniiru.

Waajjirri Muummee Ministira, mooraan masaraa mootummaa fi magaalaa keenyatti wantoonni jijjiiramaa jiran ofiif ilaalcha olaanaa qabaachuu waan dandeessisaniif itti fufuu qabu.

Ityoophiyaanonni waggoota muraasa dura karaa balbala kanaa darban moorichatti lubbuu horuuf hojii kalaqaa hojjetamee fi humna bahe utuu hin dinqisiifatiin hin darbani.

Ityoophiyaa barbaannu ijaaruuf fedhii keessaa, yaada, humnaa fi gochaan ciminee haa hojjennu jechuun fuula Feesbuukii isaanitiin ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.