Fana: At a Speed of Life!

Namootni taphataa Riyaal Maadrid Viinisheyes Juuner sanyummaan arrabsan adabaman

Finfinnee, Caamsaa 29, 2015 (FBC) – Namootni taphataa Riyaal Maadrid Viinisheyes Juuner arrabsoo sanyummaan arrabsan 7 adabamaniiru.

Namootni afur Yuuroo kuma 60 yoo adabaman, dabalataan waggoota lamaaf dirree galanii akka kubbaa hin daawwanne adabbiin irra kaahameera.

Namootni biroo sadii tapha Riyaal Maadiridii fi Vaaleensiyaa Caamsa 21 bara 2023 taphatan irratti Viinisheyes arrabsoo sanyummaan arrabsan Yuuroo kuma 5 fi waggaa tokkoof Istaadiyeemii galanii kubba hin daawwanne dhorkamaniiru.

Kaardii diimaan Viinisheyis amala hin taane agarsiifte jedhamuun guyyicha kennameefis irraa ka’eera.

Pireezidaantiin Laaliigaa Haviyeer Teebaas fi namootni liigicha keessaa dhimma akkasii hordofan akkaatatti taatee kana ilaalaniin qeeqamaniiru.

Haaviyer Teebaas, miidiyaa hawwaasaa irratti ”haala gaarii taheen of hubachiisuu qabda,’’ jechuun Viinisheyesiif deebisuun hedduu qeeqamaniiru.

Mootummaan Biraaziil namootni arraba sanyumma kana irratti hirmaatan irratti adabbii cimaan darbuu akka qabu gaafachuu BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.