Fana: At a Speed of Life!

Namticha tisiisa ari’uutti manasaa walakkaa gube

Finfinnee, Qaammee 2, 2012 (FBC)- Biyya Faransaayiitti namtichi tisiisa ajjeesuuf osoo yaaluu manasaa walakkaa barbadeessuun dhagahame.

Maanguddoon umurii waggaa 80 kun, irbaata osoo nyaachuuf jiranii, tisiisni takka isaan irra deddeebitee jequun baayyee isaan aarse.

Jaarsi kunis waan akka kaballaa elektirikaa ittiin ilbiisa ajjeesuuf hojjatameen haleeluu eegalan.

Haa ta’u malee akka tasaa ta’ee gaaziin nyaata ittin bilcheessan, mana isaanii keessatti yaa’uun qilleensa keessa guutee ture.

Kaballaan elektirikaa tisisattii hari’anii fi gaaziin qilleensa keessa guutee ture walitti dhufuun dhoo’insa uume.

Akka midiyaaleen biyya keessaa gabaasaniitti, namni maqaansaanii hin eeramiin kuni carroomanitu lubbuun bahan jedha.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.