Fana: At a Speed of Life!

Namtichi baala sammuu namaa adoochu seeraan ala daddabarsu fannifamee akka du’u itti murtaa’e

Finfinnee, Amajjii 17, 2012 (FBC) – Iraan namicha seeraan ala baala sammuu namaa adoochu seeraan daddabarsu fannifamee akka du’u itti murteessun ishee dhaga’ame.

Naachichi kun galaana idila addunyaa irraan qoricha sammuu namaa adoochan toonii 100 dabarsaa osoo jiru too’atame.

Namtichi Naacha galoo gaalaanaa jedhamuun beekkamu umuri isaa waggaa 36tti adabbiin akka du’u itti murtaa’ee jira.

Sadarkaa idila addunyaattis qoricha sammuu namaa adoochaan daddabarsuun du’aan ni adabsiisa.

Namichi kun qoricha sammuu adoochaan hammaan guddaa fi neet woorkii baayy’ee hamaa ta’een Iraanii fi naannicha keessa daddabarsaa turuu isaa abbaan alangaa biyyattii Koonyaa Hormoozgan Alii Saalehiin himaniiru.

Miseensonni garee hojii seeraan alaa irratti bobba’anii aragaman biroos hidhaa cimaa waggaa shanii fi adabbii cimaa biroon adabamaniiru.

Gareen yakkamtootaa qoricha sammuu namaa adoochaan sochoosan kunneen maallaqa seeraan alaa daddabarsuu keessattis kan hirmaataan ta’uu ibsameera.

Iraan waggaa waggaan hidhamtoota hedduu ajjeechaan adabdi.

Akka ragaan Amiinist Internaashinaalii argame agarsiisuutti biyyattiin bara Faranjootaa 2018 keessa qofa namoota 253 du’aan adabdee jirti.

Maddi :-BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.