Fana: At a Speed of Life!

‘Nan filadha, Ashaaraa magariisaa koo nan ka’aa’ mata duree jedhuun biqiltuun miiliyoonni 2.8 dhaabbiif qophaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti ‘Nan filadha, Ashaaraa magariisaa koo nan ka’aa’ mata duree jedhuun biqiltuun miiliyoonni 2.8 ol dhaabbiif qophaa’uu ibsame.
Filannoo biyyaalessaa misooma Ashaaraa magariisaa waliin qindeessuun hawaasni filannoo gaggeessuu cinatti Ashaaraa magariisaa kaa’uuf hojjetamaa jiraachuu Daayreektarri olaanaan Ejansii Yaa’aa fi naannoo misooma magariisaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injinar Tsiyoon Tashoomaan dubbataniiru.
Akka magaalaa Finfinneetti sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaan kutaalee magaalaa hundatti biqiltuu miiliyoona 7.5 dhaabuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Hawaasni magaalichaa biqiltuu dhaabuun jaalala biyyaaf qabu akka mirkaneessu waamicha dhiyeessuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.