Fana: At a Speed of Life!

NATOn Fiinlaandii fi Siwiidiiniin miseensaa dhaabbatichaa akka ta’aniif murteesse

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – NATOn Fiinlaandii fi Siwiidiiniin miseensaa dhaabbatichaa akka ta’aniif murteessuu gabaafame.

Dhaabbatichi Ispeen magaalaa Maadriiditti yaa’iisaa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, biyyoonni lameen waliigaltee miseensummaa akka mallatteessaniif waamicha dhiyeesseera.

Fiinlaandii fi Siwiidiin dhaabbatichatti makamuuf gaaffii dhiyeessuun isaanii kan yaadatamudha.

Turk duraan gaaffii biyyoota kanneenii mormitus yeroo ammaa yaadashee jijjiiruun biyyoonni kunneen miseensota dhaabbatichaa akka ta’an fudhatteetti.

Raashiyaan gamasheen biyyoonni kunneen miseensa dhaabbatichaa ta’uusaaniin rakkoon ishee mudatu kan hin jirre ta’uu ibsuu RTn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.