Fana: At a Speed of Life!

Noottii Birrii barreeffamni irratti barreeffam hin fuudhinaa jedhame jechuun odeeffannoon tatamsa’aa jiru soba – Baankii Biyyaalessa Ityoophiyaa

Finfinnee, Muddee 28, 2013 (FBC) – Odeeffannoon nootti birrii barreeffamni irratti barreefame hin fuudhinaa jedhame jechuun tatamsa’a jiru odeeffannoo sobaa ta’uu Baankiin Biyyaalessa Ityoophiyaa ibse.
Baankichi odeeffannoo tatamsa’aa jiru ilaalchisee har’a ibsa laateera.
Baankiin Biyyaalessa Ityoophiyaa noottii birrii haaraa maxxansuun hojiirra oolchaa jiraachuu fi maxxansichaaf sharafni olaanaan itti ba’ee beeksiseera.
Maallaqichi yeroo dheeraf akka tajaajiluu danda’uuf baankichi qajeelfamoota baasuu isaa ibseera.
1. Nootticharratti barreessuun, tarsaasuu fi qalamaan sukkuumuun, miidhaa kamiiyyuu geessisuu fi mallattoo irraa haquun, eeyyama malee baay’isuun seeran kan nama gaaffachii ta’a.
2. Hojii beeksisaaf yoo barbaaddame baay’isuuf baankichaarra eeyyama barbaachisu fudhachuun dirqama ta’uu
3. Noottiwwan daraan miidhaman yoo qunnaman haala daddabrsa keessa itti ba’uu danda’anirratti qajeelfamni qophaa’aa jiraachuu fi
4. Qajeelfamoota baankichaa gara afaanoota biyya keessatti jijjiiruun itti fayyadama nooticharratti hawaasaaf hojii hubannoo uumuu kan hojjetu ta’uu beeksiseera.
Odeeffannoon nootti birrii barreeffamni irratti barreefame hin fuudhinaa jedhame jechuun tatamsa’a jiru odeeffannoo sobaa ta’uu Baankiin Biyyaalessa Ityoophiyaa ibsa baaseen eereera.
Kaasahee Waldeetu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.