Fana: At a Speed of Life!

Obbo Aganyahu Tashaagar Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Raashiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 22, 2015 (FBC)- Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyahu Tashaagar Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Raashiyaa Iviigaanii Tarkiihiin waliin waajjiira isaaniitti mari’ataniiru.

Marii isaaniin Obbo Aganyahu, gaaffiileen kamuu akkaataa seeraan akka furamu Ityoophiyaan ejjennoo cimaa qabaachuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan bu’uuraa nageenyaa waaraa cimaa, sagaleen meeshaalee waraanaa keessatti hindhaga’amne akka hordoftuuf hojiilee bal’aa hojjechaa jiraachuu ibsanii, walitti bu’iinsi kutaa kaabaa karaa nagaan furamuun argisiistuu kanaati jedhaniiru.

Ambaasaddarri Raashiyaa gama isaaniin, walitti bu’iinsi kutaa Kaabaatti mudatee ture karaa nagaan furamuutti baga gammaddan jedhanii Raashiyaan akkuma kaleessaa Ityoophiyaa waliin hariiroon qabdu cimee akka itti fufu fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Manni Maree Federeeshinii fi Mana Maree Raashiyaa gidduu walta’iinsa gaarii jiru sadarkaa caalutti ceesisuun akka barbaachisu eeruu ragan Mana Maree Federeshiniirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.