Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonnin ministira Dhimma Alaa Faransaay Zho Ivi Ladiriyoo waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) – Obbo Dammaqaa Mokonnin ministira Dhimma Alaa Faransaay Zho Ivi Ladiriyoo waliin mari’atan.

Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin ministira Dhimma Alaa Faransaay Zho Ivi Ladiriyoo waliin mari’atan.

Obbo Dammaqaan wayita kana dhimma waqtaawaa Ityoophiyaa irratti ibsa laataniiru.

Tarkaanfiin olaantummaa seeraa naannoo Tigiraayitti eegalamee marsaa xumuraa irra ga’uu ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Mootummaan tarkaanfii olaantummaa seeraa eegalame ofeeggannoon xumuruuf xiyyeeffannoon gaggeessaa akka jiru beeksisaniiru.

Duulichaan lammilee nagaa irra miidhaan akka hin genyeef ofeeggannoon gaggeeffamaa akka jiru hubachiisaniiru.

Wayita ammaa kutaalee hawaasaa bakkeewwan raayyaa ittisa biyyaatiin to’ataman waliin yakkamtoota seeratti dhiyeessuf mariin eegaluu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.