Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokoonniin  Maartiin Giraaftiis waliin mari’atan

Finfinnee, Adooleessa 23, 2013 (FBC)- Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makoonniin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti itti aanaan barreessaa dhimmoota namoomaa fi qindeessaa deeggarsa yeroo aariifachiisaa Maartiin Giraaftiis wajjiin mari’ataniiru.

Mariisaaniin dhaabbatichi bara Faranjootaa 1984 irra eegalee Ityoophiyaatti deeggarsa namoomaa fi qophii yeroo balaa fi deebiirratti dandeettin ishee akka cimuuf hojii bu’aa qabeessaa taasiseef obbo Dammaqaan galateeffataniiru.

Yaa ta’uu malee duula olaantummaa seeraa naannoo Tigraayitti gaggeeffamee hordofee sadarkaa waajjira olaanaattis ta’ee gama waajjira  bakka buutoota biyyaa keessaan sadarkaa barbaadamuun deeggarsi akka hin taasifamnee eerraniiru.

Haala naannoo Tigraayiin wal qabsiisee gabaasoota fi ibsoota amanamummaa hin qabne dhiyeessuu dhaabbatichi gochaa raawwataa tureef Mootummaan Ityoophiyaan gadduusaa himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.