Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ambaasaaddar haaraa Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ityoophiyaatti Ambaasaaddara haaraa Ameerikaa Giitaa Paasii waliin mari’atan.
Hariiroo barnootaa, Fayyaa, nageenyaa fi dhimmoota tumsaan hojjetamuu qaban haala cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan haala waqtaawaa naannoo Tigraayii fi dhiyeessii deeggarsa namoomaa naannichaatti taasiifamaa jiru ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Naannichatti deeggarsi namoomaa % 70 dhiyaachuu fi lammiilee miiliyoona 3.8f deegarsi midhaan nyaataa fi nyaataan alaa taasiifamu ibsaniiru.
Dabalataan mootummaan naannicha deebisee ijaaruuf bulchiinsa yeroo naannichaa waliin tattaaffii taasiisaa jiraachuu hubachiisuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.