Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Emireetoota Araba Gamtoomanitti daawwannaa taasiisaan xumuruun gara Raashiyaa imalan

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2013 (FBC)- Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Emireetoora Araba Gamtoomaniitti daawwaannaa hojii taasiisaniiru.

Daawwannaa hojii guyyoota lamaaf taasiisaniin aanga’oota mootummaa olaanoo waliin mari’ataniiru jedhame.

Dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuu danda’anii fi tumsa biyyoota lamaanii dameewwan garaagaraan yeroo itti aanuu ilaalchisee marii taasiisaniiru.

Obbo Dammaqaan Emireetoora Araba Gamtoomaniitti daawwaannaa hojii taasiisan xumuruun achumarran gara Mooskoo Raashiyaa imalaniiru.

Obbo Dammaqaan Ministira Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Saargee Laavriiv waliin ni mari’atuun eegama.

Ityoophiyaatti Imbaasiin Raashiyaa akka ibseetti obbo Dammaqaan daawwannaa hojii guyyoota lamaaf Raashiyaatti ni taasisuu.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.