Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan ergaa baga geessanii Ayyaana Iid Al Faxirii dabarsan

Finfinnee, Caamsaa 4, 2013 (FBC) –Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin ergaa baga geessanii Ayyaana Iid Al Faxirii waggaa 1442ffaa dabarsaniiru.
Baatiin Sooma Ramadaanaa hordoftoota amantichaa biratti hiikoo olaanaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Yeroo kun hariiroo michoota isaanii waliin qabanii fi tokkummaa caalmaatti cimsuuf carraa gaarii kan uumeedha jedhan.
Sagantaan Afxirii yeroo garaagaraatti gaggeeffamaa ture garaagarummaa malee iddoo tokkotti maaddii qooddachuun waliin jireenyaa fi tokkummaa biyyattii ifatti kan agarsiise ta’uu himaniiru.
Rakkoolee keessaa fi alaa biyyattii muudachaa jiru ogummaan ce’uuf murannoon hirmaachuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Dhimmoota tokkummaa cimsanirratti xiyyeeffachuun lammiilee sababoota garaagaraan rakkoof saaxilaman deeggaruun nageenya amansiisaa mirkaneessuun hojii duraa ta’uu qaba jedhaniiru.
Obbo Dammaqaan walgargaaruu, waliif yaaduu fi tokummaa Ityoophiyaa cimsuun cimee itti fufuu akka qaba waamicha dhiyeessaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.