Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan gita isaanii Deenmaark Jeppee Kofood waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 26, 2013 (FBC)- Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makkoonniin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Deenmaark Jeppee Kofood waliin mari’ataniiru.
Marii bilbilaan taasisaanin obbo Dammaqaan duula olaantummaa seeraa kabachiisuu fi hojii deebisanii dhaabuu naannoo Tigraayitti gaggeeffama jiruurratti ibsa laataniiru.
Duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu xumuramuu fi mootummaan hojii deebisanii dhaabuurratti xiyyeeffachuu ibsaniiru.
Dabalataanis yakkamtoota adamsuun seeraatti dhiyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu yaadachiisaniiru.
Dhaabbileen keenninsa deeggarsaa namoomaa idil addunyaa mootummaa federaalaa waliin waloon hojjechaa jiraachuusaanif galateeffataniiru.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Deenmaark Jeppee Kofood gama isaaniitin, mootummaan isaanii hojii deebisanii dhaabuu mootummaan federaalaa yeroo ammaa kana eegalee akka deeggaran ibsaniiru.
Biyyisaanii filannoo biyyooleessaa Ityoophiyaan gaggeessiitu deeggaruuf qophii ta’uu ishee himuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’dhia.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.